Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo magaalaa Kamisee fi Aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin saamichaa fi doorsisni jiraattota nagaa irratti raawwatamu jabaate

ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025  

Guraandhala 5, 2025 aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Fursee keessatti milishoonni fi waraanni raayyaa ittisa Impaayerattii waliin ta’uun manneen namoota maqaan isaanii Ahimad Umaree, obboloota lamaan Muusaa Usmaan fi Hasan Usmaan kanneen jedhaman cabsanii ol itti seenuun meeshaalee mana keessaa guutummaatti saamanii wantoota geejjibuuf ulfaatan kaan caccabsuun gariin ammoo hawaasni magaalichaa akka fudhataniif ajajaan raayyaa ittisa Bilxiginnaa onichaa Abarraa jedhamu uummata dirqamsiisaa turuun isaa himameera. 

Uummanni kunis yaada hattoota sirnichaa kanatti  bishaan naquun “nuti mi’a qotee bulaa akka keenyaa hin fudhannu isin ammoo akkuma eegaltanitti fudhaa” nuti hin barbaannu jechuudhaan kan deebisaniif ta’uu fi waanti isaan meeshaa namoota nagaa kana fudhaa nuun jedhaniifis inni ijoon wal nu nyaachisuudha jechuun jiraattotni yaada isaanii ONM’f qoodaniiru.

Hidhattootni sirnichaa kunneen aanichumatti armaan dura baatii Amajjjii keessa loon Ahimad Umaree 20 olii fi gaalota namoota biroo hedduu saamanii dallaatti naqanii beelaan dararaa turuu gabaasnee kan turre yoo ta’u,  yeroo ammaas loowwanii fi gaalotni kun namoota kanneeniif osoo hin deebi’in ammallee mana isaaniitti deebi’uun gocha kana raawwachuu dabaluun ibsan. 

Oduu saamichaan ammoo godinichuma magaalaa Kamisee keessatti Guraandhala 5, 2025 hidhattootni sirnichaa maqaa waraqaa eenyummaaf jedhuun daldaltootuma waraqaa eenyummaa of harkaa qaban irraa qarshii 250 tokko tokkoon irraa afaan qawwee itti qabanii saamaa turuu daldaltootni magaalichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himatan.

Exit mobile version