ONM-ABO Amajjii 15, 2025
Hidhattootni murna Bilxiginnaa raayyaa ittisaa fi milishoota jechuun of waaman Muddee 28, 2024 maqaa sakattaa waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun aanaa Harxummaa Fursee gandoota garaa garaa keessa baay’inaan qubsiifamanii jiran baarjaa dharaa maxxansuun kan guyyuu uummata aanichaa jumlaan ajjeesaa fi hidhaa jiraniin cinaatti maqaa nyaata milishaa, fi gargaarsa raayyaa ittisa impaayerattii jedhuun jiraattotatti afaan qawwee qabanii saamicha irratti geggeessaa jiru.
Aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Qiciicoo fi gandoota aanichaa kanneen akka Tarree Awwaaraa, Doogamaa, Adaamaa fi Gulboo Arbaa dabalatee gandoota hedduu keessatti ergamtootni sirnichaa Muddee 28, 2024 irraa eegaluun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti manneen jiraattotaa irra deemanii nyaata milishaaf jechuun guyyaa guyyaatti midhaan jantoo 5, dirqiin jiraattota harkaa yoo fudhatan, raayyaa ittisa impaayerattiif jechuunis ammoo qarshii 2000-2000 afaan qawween sodaachisanii irraa fuuchaa jiraachuu maddeen himan.
Akka jiraattotni aanichaa dabaluun dubbatanitti, milishoonni sirnichaa kun ganama manneen keenya dhufanii nyaata milishaaf jechuun midhaan jantoo 5’n yoo fudhatan, gara galgalaa ammoo namoonni biroon deebi’anii raayyaa ittisa impaayerattiif jechuun qarshii 2000-2000 nu gaafatu yoo hin qabnu jenne ammoo hidhata WBO qabda jedhamuun reebamnee hidhamna, nuti ammoo ilmaan keenyayyuu ganama ciree nyaatanii guyyaa hagabuu ooluun galgalas yeroo nyaatanii fi dhiisanii bulan qabu jechuun miira abdii kutannaatiin ONM’tti himan.

