ONM-ABO Bitootessa 19, 2025
Kaaba Oromiyaa godina Wallootti caasaaleen Bilxiginnaa addatti ammoo aanaa Harxummaa Fursee irratti xiyyeeffachuun gandoota garaa garaa irraa maqaa WBO’tti duultu jedhuun Muddee 28, 2024 irraa eegalee hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti hawaasa nagaa “maqaa biyya keessan ofii eeggattu jedhuun” hojii Idilee isaanii irraa qabanii rakkisaa kan jiran ta’uun ifoomeera.
Keessattuu Bitootessa 14, 2025 irraa eegaluun aanaa Harxummaa Fursee gandoota adda addaa kanneen akka Hijiraa, Karrayyuu fi Uranee Caffaa Ortaatti, Adam Wadaaddarii fi milishaan sirnichaa Aliyyii Aammee hawaasa Oromoo soomanaa keessa jiru jumlaan guyyaa guyyaanis ukkaamsaa jiraachuun beekameera.
Maqaa duula WBO’tti taasisuu qabdu jedhuun kanneen reebamanii hidhamanii jiran keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
- Sayid Ibraahim,
- Ahimad Umar Alii fi
kanneen biroo maqaan isaanii hin ibsamne irratti akka raawwates addeeffameera.
Kanneen hidhamuun miidhaan qaamaa ulfaataa irratti raawwate keessaa Sayid Ibraahim kan jedhamu rukuttaa irra ga’een mataan isaa kan buruqsame yoo ta’u, jiraataa magaalaa Qalloo kan dhukkuba sukkaaraa dhukkubsatu tokko mana hidhaa keessatti haalaan dhukkubuun gara mana yaalaa magaalaa Dasseettis akka darbuuf rifeeriin barreefamuufis garuu lubbuun jiraachuu fi haalli fayyummaa isaa yeroo ammaa maaliirra akka jirus kan hin beekamne ta’uun eerameera.

