ONM-ABO Amajjii 7, 2025
Uummanni Oromoo godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee baatiilee ja’an darban Adoolessa 2024 irraa eegaluun bifa adda ta’een hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin qe’ee fi qabeenyaa isaanii irratti gidirfamanii jiruu fi jireenyi isaanii barbadaa’aa kan jiru yoo ta’u, har’as kaffaltii gosa garaa garaa itti dha’uun saamichi fi doorsisni daangaa darbe jiraattota aanichaa irratti geggeeffamaa jira.
Qondaalli Bilxiginnaa tokko magaalaa Caffaa Roobit irraa caasaalee murna PP Amajjii 4, 2025 irraa eegaluun hanga gabaasni kun qindaa’etti magaalaa Qiciicootti waltajjii taa’aa jiranitti bilbiluun hanga yoonaatti qarshii fi midhaan nyaataa hawaasa irraa hin funaanne yoo ta’e maal akka isin waraana nyaachiftan isin arguuf jirra, dafaa qarshii walitti funaanaa ittiin jedhee akeekkachiisee akka jiraattota saamaniif ajaja dabarsuu namni keessoo PP rakkoo nageenya isaatiif jecha maqaan isaa eeramuu hin barbaanne tokko ONM’tti himeera.
Caasaaleen bilxiginnaa kunneenis maqaa gibira jedhuun jiraattota irraa qarshii 200, inshuraansii fayyaa jechuun ammoo qarshii 2,000 yoo saaman, kaffaltii waliin isaa hin beekamneenis torbee- torbeetti qarshii hedduu fi midhaan nyaataa afaan qawwee itti qabanii saamaa jiru.
Maallaqa waliin isaa hin beekamnee fi midhaan jedhameen namoonni hin kaffalle ammoo ni hidhamu, reebamuu fi qe’ee irraa kan buqqifamu ta’uu jiraattotni onichaa dubbisne himuun, hidhamuu fi qe’ee irraa buqqifamuu irra jennee waan qabnu mara gurgurree kaffalaa jirra, saamichi guyyaa guyyaan bifaa fi maqaa jijjiiratee lukkeeleen Bilxiginnaan nurratti raawwatamaa jiru kun akkanaan itti fufnaan egereen keenya waan akkaan yaaddessaadhas jedhan.

