Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti  hidhattoota sirnichaan dhiittaan mirgoota namoomaa jiraattota irratti raawwatamu hammaate

ONM-ABO Amajjii 29, 2025 

Amajjii 26, 2025 aanaa Harxummaa Fursee ganda Mudhii Hallayyoo irraa hidhattootni murna Bilxiginnaa abbootii warraa lama kan maqaan isaanii Obbo Ahimed Huseen Haajii fi Mahaammad Huseen jedhaman reebicha ulfaataa irraan ga’uun buufata waraana maafiyaa PP mana barumsaa magaalaa Furseetti hidhanii doorsisaa jiraachuun himame. 

Guyyaadhuma kana Amajjii 26, 2024 jiraataa magaalaa Fursee kan ta’e, nama maqaan isaa Umaree Darasaa jedhamu hidhattootni PP mana isaa keessaa qabanii reebicha hamaa irratti raawwachuun yeroo inni laafee of wallaalu bakkeetti gatanii biraa kan deeman ta’uu himuun, namni kun abbaa dukkaanaa akka ta’ee fi yeroo ammaa reebicha irratti raawwatameen haala dubbachuuf namatti hin tolle irra akka jirus maddeen ONM’tti himan.

Aanichuma magaalaa Furseetti Amajjii 27, 2025 guyyaan Wiixataa gabaa magaalichaa waan ta’eef ergamtootni murna Bilxiginnaa jiraattota gabaa dhufan daandii irratti eeganii har’a gabaan hin jiru, waan isin mariisifnu qabna, waltajjii teenya jedhanii abbootii warraa danuu fi hawwan baay’inni isaanii 300 ta’an ganama sa’a 2:00 irraa hanga galgala sa’a 11:00’tti doorsisaa ooluu himan.

Waltajjiin hidhattootni sirnichaa kunneen jiraattota mariisisaa oolan kunis, namni WBO keessaa abbaa, ilmaan, obboleessaa fi obboleettii  qabdan hanga torbee har’aatti  waamtanii hin galchitan yoo ta’e WBO’n nuti deemnee barbaannu hin jiru isinuma fixna jechuun  akeekkachiisaniiru.

Hidhattootni murna Bilxiginnaa kunneen  guyyaadhuma sana magaalaa Furseetti shamarran 4 kan rakkoo nageenya isaaniif jecha maqaa dha’uu hin barbaanne fuula namootaa duratti reebicha ulfaataa irratti raawwachuu jiraattotni gocha kana ijaan argan miira gaddaa fi xiiqiin guutameen dubbatan.

Exit mobile version