Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Furseetti tiksitoota Impaayerattiin hidhaa fi reebichi namoota nagaa irratti raawwatamu akkaan cimee itti fufe 

ONM-ABO Amajjii 24,2025 

Jiraataa magaalaa Fursee kan ta’e nama maqaan isaa: 

  1. Mahaammad Adam Abbayyii jedhamu Amajjjii 22, 2025 hidhattootni sirnichaa haadha manaa isaa 
  2. Aadde Haliimaa Umar Muusittii jedhamtu 

waliin qabanii reebicha ulfaataa irratti raawwachuun buufata waraana maafiyaa PP mana barumsaa magaalaa Furseetti hidhanii dararaa jiru.

Mahaammad Adam Abbayyii qonnaan bulaa fi abbaa maatii, akkasumas  siyaasa irraa bilisa  akka ta’e jiraattotni himuun,  loltootni sirnichaa ammoo qawwee kee fiddee WBO nu waliin loluu didde ittiin jechuun armaan duras hidhanii qabeenyaa isaas saamanii turuu ibsuun, Amajjjii 22, 2025 irra deebi’anii haadha manaa isaa waliin qabanii osoo daa’imman isaanii “harmee koo” “abbaa koo” jedhanii iyyanii, reebanii biraa hambisuun daa’imman kunneen yeroo ammaa bakkee keessa deemanii boo’ichaan sammuun isaanii hadoodaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan. 

Akkasumas, Amajjjii 21, 2025 magaalaa Fursee keessaa hidhattootni sirnichaa qonnaan bulaa maqaan isaa Mahaammad Umar Aliishaa jedhamu maqaa WBO nyaachifta jedhuun garmalee reebuun buufata waraana isaanii mana barumsaa magaalichaatti hidhanii jiraachuu fi akkuma magaalichaatti dararaan shiftoota Koloneel Abiy Ahimediin jiraattota nagaa irratti geggeeffamu jabaachuun jiraattotatti yaaddoo jabaa uumuu namootni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa magaalicha irraa dubbise ibsaniiru.

Exit mobile version