Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhiittaan mirgoota namoomaa hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin irra deddeebiin irratti geggeeffamaa kan jiru uummanni Oromoo Aanaa Harxummaa Fursee yeroo ammaas haala duraan barameen olitti roorrifamaa jiru

ONM-ABO Amajjii 15, 2025 

Amajjii 11, 2025 aanaa Harxummaa Fursee ganda Qorii gandoota garaa garaa keessaa milishoonni sirnichaa namoota nagaa hedduu garmalee reebanii kan hidhan yoo ta’u,  namoota kanneen keessaa muraasni maqaa arganne jiraataa ganda Qorii Raasaa Toore kan ta’e Ahimed Muusaa Guchii garmalee reebanii ilkaan isaa irraa caccabsuun, jiraataa Magaalaa Fursee Mahaammad Adam Abbayyii jedhamus haaluma wal fakkaatuun reebanii namoota danuu maqaan isaanii nu hin ga’in waliin ukkaamsanii mana hidhaatti darbataniiru. 

Gara jabeeyyiin uummata Oromoof naasuu tokkollee hin qabne milishoonni sirnichaa kun gochoota badii isaanii kana ittuma fufuun, Amajjjii 12, 2025 aanichumatti jiraataa ganda Alasoo kan ta’e Ahimed Asoolaa jalaa re’ee karra tokko ooffachuun  nama nu gaafatu argina jedhanii uummata gandichaatti dhaadachuun magaalaa Furseetti akka geeffatan jiraattotni gandichaa dabaluun ONM’f eeraniiru.

Exit mobile version