Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Jiille Dhummuuggaa fi Harxummaa Fursee keessatti hidhattoota murna maafiyaa PP’n hidhaa, reebichaa fi doorsisni jiraattota irratti geggeeffamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Gurraandhala 8, 2025 

Aanaa Harxummaa Furseetti guyyaan Kamisaa gabaa magaalaa Qiciicoo waan ta’eef Gurraandhala 6, 2025 milishoonni sirnichaa fi waraanni faashistii PP waliin ta’uun jiraattota gabaa ba’an akka isaan bittaa fi gurgurtaa hin geggeeffanneef gabaa keessa deemanii jeequmsa hamaa uumuun namoota hedduu badii tokko malee uleedhaan reebanii garmalee tumaa turuu fi jiraataa ganda Caalii nama maqaan isaa Hasan Abirahim Aliyyii jedhamu ammoo qabanii hidhaatti darbachuu maddeen himan.

Dabalataan guyyaadhuma kana magaalichatti hawaasni bakkoota adda addaa irraa gabaa ba’an bittaa fi gurgurtaa geggeeffachuun isaanii hafee hattoota sirnichaan reebamuu fi sodaachifamuun doorsifamaa kan turan ta’uu fi aanichuma magaalaa Furseettis jiraattotni gabaa ba’uuf hidhattoota sirnichaan danqamanii jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Oduu hidhaatiin ammoo aanaa Jiille Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessaa Gurraandhala 2, 2025 ergamtootni Bilxiginnaa jiraattota magaalichaa namoota magaalaama sana keessatti dukkaana ijaarrachaa jiran  kan maqaan isaanii Baashaa Usmaan Umar fi Mahaammad Umar Ammadee jedhaman” osoo qarshii nuuf hin kaffalin” akkasumas nuun walitti dhiheenya hin qabaatin akkamiin dukkaana addanatti ijaarrattu ittiin jechuun qabanii hidhaatti darbatanii hidhaa irraa baasuuf qarshii humnaa olii gaafachaa jiraachuu jiraattotni magaalichaa ONM’f eeraniiru.

Exit mobile version