Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaa Harxummaa Furseetti hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon namoonni nagaan 5 ol ta’an ukkaamfamuun qarshiis saamamanii bakka buutee yoo dhabamsiifaman, milishoonni PP lamas haala suukanneessaan ajjeefaman

ONM-ABO Bitootessa 11, 2026 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti, guyyaan Wiixataa gabaa magaalaa Fursee waan ta’eef Bitootessa 9, 2026 ganama daldaltoonni magaalaa Kamisee fi Caffaa Roobit irraa bittaa fi gurgurtaa geggeeffachuuf gara magaalaa Fursee baajaajii deemaa turan 4 fi konkolaachisaan baajaajichaa aanichuma iddoo addaa Karra Qorii jedhamutti humnoota badii finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon daandii irratti qawween marfamanii qabamuun battalumatti reebichaa fi saamichi erga irratti raawwatameen booda, humna badii kanaan ukkaamfamanii bakka buutee dhabamsiifamuun eerameera.

Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa maqaa gaachana biyyaati jedhuun Abiy Ahimediin hidhachiifaman kun wayita konkolaachisaa fi daldaltoota gabaaf magaalaa Fursee deemaa jiran dhukaasaan burjaajessuun itti marasanii qaban kana daldalaa tokko irraa qarshii 400,000 kan saaman oggaa ta’u, daldaltoota kaanii fi konkolaachisaa baajaajii waliin ukkaamfaman kanas qarshii fidaa jedhanii garmalee lubbuu itti xiqqeessaa turuu fi boodarra ammoon “isin ajjeefna kana booda jireenya irraa abdii muraa” jedhanii itti qoosaa fi sodaachisaa kan turan ta’uu gara galgalaa ammoo iddoo reeffi isaanii iyyuu hin argamne geessinee fixna jechuun magaalaa Maajeteen erga ga’aniin booda, bakka buutee dhabamsiisuu fi yeroo ammaa namoonni kun du’anii fi jiraataniin isaanii yaaddoo fi gaaffii guddaa keessa maatii fi hawaasa bal’aa galcheera jechuun ONM’f himaniiru. 

Finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon kun guyyuma Bitootessa 9, gara ganamaa konkolaachisaa baajaajii fi daldaltoota baajaajiin gara magaalaa Fursee gabaaf deeman ukkaamsan kana gara galgalaa bakkuma Karra Qorii jedhamu kanatti riphanii daandiitti ba’uun milishoota sirnichaa aanaa Jiille Dhummuuggaa irraa gara Caffaa Roobit deemaa turan lama haala suukanneessaan ajjeesanii reeffa isaanii saanjaan itti taphachuun bakkeetti gatanii biraa deemuun, boodarra hawaasni reeffa isaanii bakkee kaasee ganda isaaniitti galchuun halkan edaa sirni awwaalcha isaanii geggeeffamuun ibsameera.

Milishoonni sirnichaa finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon aanaa Harxummaa Furseetti bifa nama sururuun ajjeefaman kun dhalootaan aanaa Jiille Dhummuuggaa ganda Baxxee fi Wasanqurqur kan ta’an yoo ta’u maqaan isaaniis Muhee Bushuu fi Arbiyyee Aliyyi Arbiyyee kanneen jedhaman ta’uu ONM jiraattota naannichaa irraa odeeffateera.

Exit mobile version