Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti namoota konkolaataan deemaa jiran irratti dhukaasa bananiin nama tokko ajjeesuun lama ammoo madeessan

ONM-ABO Muddee 11, 2024 

Murna Bilxiginnaan deggaramuun goleewwan Oromiyaa  keessatti ijaarsa isaanii  cimsatan hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman ilmaan Oromoo haala suukkaneessaan ajjeesuu fi madeessuu godina Wallootti jabeessanii itti fufan.

Muddee 10, 2024 aanaa Harxummaa Fursee iddoo addaa Maganxaa Karra Qorii jedhamutti hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon daandii cina riphanii eeguun dhukaasa namoota konkolaataa miil-sadee (baajaajiin) magaalaa Caffaa Roobit irraa gara ganda Shaashoo imalaa turan irratti bananiin nama maqaan isaa Sayid Aliyyii Hamzaa jedhamu haala suukkaneessaan yoo ajjeesan, namoota lama ammoo kan maqaan isaanii Mahaammad Hasan Umar fi Adam Aliyyii jedhaman madeessaniiru.

Jiraattotni nagaan humnoota Finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin osoo imala irra jiranii haleellaan irratti raawwatameen madaa’an lamaan yeroo ammaa  magaalaa Caffaa Roobititti yaalamaa kan jiranii fi madoon isaanii illee cimaa ta’uu jiraattotni dabaluun ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version