ONM-ABO Muddee 24, 2024
Leellistoonni sirna moofaa durii uummata Oromoo irratti duula duguuggaa sanyii akka raawwataniif murna bilxiginnaan meeshaalee garaa garaa hidhachiifaman ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa suukkanneessaa, madoo fi saamicha qabeenyaa geggeessaa oolu.
Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee iddoo addaa Caffaa Garboota jedhamutti Muddee 23, 2024 gara galgalaa toora sa’a 9:00’tti dhukaasa hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon namoota loon tikfachaa jiran irratti banteen nama maqaan isaa Mahaammad Dawwee jedhamu haala suukkaneessaan ajjeesanii yoo gatan, dargaggoo maqaan isaa Mahaammad Usmaan Aliishaa jedhamu ammoo madeessanii loon namoota hedduus saamuun deemaniiru.
Akka maddeen keenya ganda Garbootaa nuuf eeranitti, hanga gabaasni kun qindaa’etti reeffi isaa kan hin kaane ta’uu fi erga ajjeesaniis reeffa isaa kan dhoksan yoo ta’u, dargaggoon madaa’e ammoo achumaa fiigee harkaa ba’uu ifoomsaniiru.
Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman kun namoota 5-10 ta’uun wal gurmeessanii riphanii daandiitti ba’uu, ooyruu namootaa seenuu fi iddoo namoonni loon tikfatan dhaquun namoota nagaa ajjeesuu, madeessuu fi loon namootaa saamanii ooffachuun deemaa jiru jechuun dabaluun dubbataniiru.

