ONM-ABO Adoolessa 30, 2025
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee bakka Randooyye jedhamutti Wiixata darbe Adoolessa 28, 2025 ganama hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon hawaasa nagaa ooyiruu isaanii irra jiran irratti ganamaa hanga galgalaatti dhukaasa banteen jiraattota ganda Coqorsoo kan ta’an namoonni lama kan maqaan isaanii:
- Abdooyye Hasan Adamuu fi
- Saadam Huseen Haajii
jedhaman madaa’uun du’aa fi jireenya jidduu jiraachuun barameera.
Lukkeeleen Bilxiginnaa aanichatti magaalaa Caffaa Roobit keessa taa’uun Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoof haala mijeessanii akka isaan hawaasa aanichaa lafa irraa duguuganiif halkanii fi guyyaa hojjechaa jiranis kan maqaan nu ga’e:
- Kaasahuun Alamuu Itti Gaafatamaa Waajjira fayyaa aanaa Harxummaa Fursee,
- Tamaam ogeessaa misoomaa fi beeyiladaa aanichaa,
- Masfin Getahuun itti Gaafatamaa Waajjira qonnaa,
- Biniyaam Biraanuu ogeessa qabeenya uumamaa,
- Fiqaaduu Abrahaa Ekisteenshinii qonnaa fi abbaa qabeenyaa magaalichaa kan waajjira galii irraa galii guyyaa guyyaa funaanu
- Maammush Faantuu jedhaman ta’uu jiraattotni magaalaa Caffaa Roobit Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Dabalataan aanaa Harxummaa Fursee akkuma walii galaatti quba qabeenya lukkeelee Bilxiginnaa fi eeruu isaan laachaafii oolaniin Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa Faannoo jedhu moggaafatte, kan Koloneel Abiy Ahimediin maqaa”Faannoon gaachana biyyaati” jedhuun hidhachiifamanii bobbaafaniin ajjeechaa suukkanneessaa fi mancaatiin qabeenyaa uummata nagaa irratti guyyaa guyyaan raawwatamaa jiraachuun barameera.

