Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo aanaa Harxummaa Furseetti lola hidhattootni Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon uummata nagaa irratti bananiin namoonni lama madaa’uun, loon jiraattotaa hedduunis ajjeefaman

ONM-ABO Onkoloolessa 4, 2024 

Hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii ijaarsa isaanii cimsatan golee Oromiyaa mara keessatti, uummata Oromoo daangaa Amaaraan wal daangessan hunda irratti ajjeechaa suukkanneessaa, saamicha qabeenyaa, gubaatii manneenii, akkasumas namoota jiraatti ukkaamsuu dabalatee qe’ee irraa buqqisuun gidiraa hamtuu agarsiisaa jiru.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattootni Fiinxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman duula duguuggaa sanyii uummata nagaa irratti bananii jiraniin namoota madeessuu, qabeenyaa jiraattotaa hedduus saamuu fi barbadeessuun dhagaa’ameera.

Wiixata darbe Fulbaana 30, 2024 aanaa Harxummaa Fursee ganda Coqorsoo Funyaan Sulleetti dhukaasa humnoonni badii finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon hawaasa nagaa irratti bananiin namoonni lama kan maqaan isaanii Abduu Huseen Umar fi Yaasin Gabayyoo jedhaman madaa’uu fi madoon isaanii illee cimaa akka ta’e dabaluun ibsaniiru.

Fulbaanuma 30, 2024 kana ganduma Coqorsoo Funyaan Sullee kanatti meeshaalee gurguddaa hidhattootni Fiinxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kun dishqaa, Zu-23 fi PKM qe’ee hawaasaatti dhukaasuun haleellaa geggeessaa oolaniin loon dabalatee qabeenyaan jiraattotaa hedduun manca’eera.

Namootni loon isaanii dhukaasa hidhattoota Fiinxaaleeyyii Amaaraa kanaan jalaa ajjeefaman kunneenis ganda Coqorsoo keessaa:

1. Ibraahim Aliyyuu loon 4,

2. Mahaammad Ahimed

3. Haajii loon 2,

4. Ahimed Makkannaa loon 2,

5. Sayid Walloo loon 1,

6. Hawwee Mogga’aa loon 1,

7. Andalii Mahaammad Dabalee loon 1,

8. Huseen Dishqoo loon 2,

9. Ahimed Abbagaar loon 1 fi

10. Huseen Adamuu loon tokko haleellaa hidhattootni badii Fiinxaaleeyyii Amaaraa kun raawwataniin jalaa akka ajjeefaman jiraattotni gandichaa ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version