Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti uummata nagaa irratti bananiin namoonni 3 madaa’uun, qabeenyaan jiraattotaa hedduunis manca’e

ONM-ABO Onkoloolessa 29, 2024 

Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii ijaarsa isaanii cimsatan duula duguuggaa sanyii irra deddeebiin Oromoota Walloo irratti banaa turanii fi yeroo ammaas itti jiraniin uummata nagaa irratti ajjeechaa suukkanneessaa, saamicha qabeenyaa, gubaatii manneenii fi buqqaatii dabalatee raawwatu har’as jabaatee itti fufee jira.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee iddoo addaa Caffaa Diimtuu jedhamutti Onkoloolessa 27, 2024 waaree booda toora sa’atii 10:00’tti lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo jechuun of waaman wal gurmeessuun qe’ee hawaasa Oromootti riphanii ba’uun dhukaasa bananiin namoonni 3 mada’aniiru.

Namootni humnoota finxaaleeyyii Amaaraan madaa’an kunis maqaan isaanii:

  1. Ganda Akaalee irraa
  2. Ahimed Muusa Indirroo,
  3. Huseen Mohammad Ahimed
  4. Ganda Coqorsoo Funyaan Sullee irraa ammoo 
  5. Mahaammad Ahimed madaa’uu jiraattotni eeraniiru. 

Akka jiraattotni onichaa dubbisne tokko tokko jedhanitti, humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa kun namoota 5 hanga 10 ta’uun wal gurmeessanii qe’ee jiraattotaa fi daandii gubbaatti riphanii ba’uun uummata nagaa irratti dhukaasa bananii ajjeesuu, madeessuu fi qabeenyaa namootaas loon dabalatee waan argan cufa saamanii deemaa turuu ibsan.

Gochi kun irra deddeebiin osoo raawwatuu murni bilxiginnaa birmannaa nuuf taasisuun isaa hafee maqaa qaama mootummaatu isin eega, qawwee qabachuun keessan hayyamamaa miti jedhuun Oromoota Walloo irraa qawwee hiikuun akka isaan Finxaaleeyyii isaan marsee jiru ofirraa hin lolle taasisaniiru jechuun miira aarii fi gaddaan guutameen dubbataniiru.

Exit mobile version