Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti milishoota sirnichaan doorsisaa fi gubaatiin manneen jiraattotaa akkuma itti fufetti jira 

ONM-ABO Bitootessa 5, 2025 

Bitootessa 1, 2025 aanaa Harxummaa Fursee Qorii ganda Waaccootaatti milishoonni sirnichaa ganama barii barraaqaan qe’ee hawaasaatti marsanii namoota nagaa hedduu irratti reebicha suukkanneessoo yoo raawwatan, manneen qonnaan bultoota danuus ibidda itti shiduun gubanii barbadeessaniiru.

Namootni milishoota sirnichaan manneen isaanii qabeenyaa keessa jiru mara waliin jalaa gubachuun barbadaa’e kunneenis muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Usmaan mana lama,
  2. Hasan Usmaan mana tokko haadha isaanii kan ta’an 
  3. Aadde Baljigee Umar Mahaammad jalaa mana tokko yoo guban, 
  4. Hasan Ahimed Shaambal jalaas midhaan dabalatee mi’a mana keessaa tokkollee osoo hin baafatin ibidda itti shiduun jalaa gubanii barbadeessuu maddeen keenya gandichaa ONM’tti himaniiru. 

Dabalataan milishoonni sirnichaa kun gandoota garaa garaatti maqaa eegumsa naannoo jedhuun galgalaa fi ganama osoo hin jenne baatii tokkoo oliif hawaasa dirqiin baasanii dararaa jiraachuu fi guyyaa guyyaan qe’ee jiraattotaa keessa naanna’uun wanta humna hawaasaa ol ta’ee fi uummanni mana keessaa hin qabne qarshii guddaa fi nyaata waraanaa dabalatee afaan qawwee itti qabuun dirqiin saamaa kan jiran ta’uu fi namoota hin qabnu jedhaniin ammoo garmalee reebaa jiraachuun ibsameera.

Tiksitoota impaayerattiin biyya abbaa isaa irratti ba’ee galuu fi akkasumas qe’ee isaa keessa nagaan jiraachuu kan dadhabe sabni Oromoo, kan duraa caalaatti har’as ergamtoota maafiyaa PP’n qe’ee isaa keessatti ajjeefamuu, hidhamuu, saamamuu fi manneen irratti gubachuun barbadaa’uun daran jabaatee itti fufeera. 

Exit mobile version