ONM-ABO Amajjii 2, 2025
Aliyyii Siraaj kan jedhamu jiraataa aanaa Harxummaa Fursee ganda Wadaddari Muddee 28, 2024 hidhattootni sirnichaa maqaa sakattaa waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun gandoota garaa garaa keessatti bobbaafaman mana isaa keessaa gadi baasuun badii tokko malee haala suukkaneessaa ta’een ajjeesanii gatan, guyyuma kana aanichuma ganda Dheeraatti shamarree dubaraa maqaan ishee Hayaatuu Huseen Muhee jedhamtus ofitti waamanii rasaasa itti roobsuun madeessanii biraa deemaniiru.
Muddee 29, 2024 aanichuma ganda Wadaddaritti itti gaafatamaa milishoota sirnichaa kan ta’e namni Adam Wadaddar jedhamu milishoota waliin ta’uun nama maqaan isaa Sayid Ibraahim jedhamu baabura midhaan daaku jalaa caccabsuun qarshii fi meeshaalee manneen keessatti argaman mara jalaa saamuun deemaniiru.
Ergamaan Bilxiginnaa kun ganda Wadaddar dhufee yeroo baabura midhaanii Sayid Ibraahim caccabsu, baaburri midhaanii koo caccabee kan namoota biroo ammoo goonkumaa hin hojjetu jechuun jalaa caccabsuu fi guyyuma sana osooma gandicha keessaa hin ba’in obboleessa Sayid karaa haadhaa kan ta’e nama maqaan isaa Aliyyii Siraaj jedhamu gaaffii seeraa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattotni gandichaa ONM’tti himaniiru.

