ONM-ABO Sadaasa 14, 2024
Ilaalcha gad-aantummaa saba Oromoof qabaachuun murni Bilxiginnaa milishoota barnoota hin qabnee fi waraana gara jabeeyyii isaa hawaasa nagaa jiruu fi jireenya isaa geggeeffatutti bobbaasuun baarjaa dharaa namootatti maxxansee haala suukkaneessaan ajjeesanii gatuu, saamuu fi reebichaan qaama laalessanii ukkaamsanii hidhuu jabeessanii itti fufaniiru.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee iddoo addaa Caffaa Dalgoo jedhamutti milishoonni sirnichaa Sadaasa 10, 2024 nama nagaa maqaan isaa Adam Bisiluu jedhamu osoo inni loon tikfachaa jiruu marsanii dhukaasa irratti banuun rasaasa hedduu itti roobsuun ajjeesanii gatuun biraa deeman jedhu jiraattonni naannichaa.
Akka jiraattotni jedhanitti, namni Adam Bisiluu jedhamu kun abbaa maatii fi dhalataa Qorii Fursee ta’uu himuun, loon godaansisee Caffaa Dalgootti galee achi jiraachaa osoo jiruu milishoonni sirnichaa iddoo inni loon tiksaa jirutti itti dhaquun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu dabaluun dubbataniiru.
Oduu hidhaatiin ammoo aanichuma ganda Araddaa Buuxxee fi Booruu Mukaa irraa Sadaasa 11, 2024 waraanni faashistii PP maatii qabsaa’otaa kan ta’an Aliyyii Tamaam fi Rashiidaa Adam Anguunee yeroo isaan gabaaf magaalaa Booraa ba’anitti isin maatii qabsaa’otaati maal barbaacha gabaa dhuftan? ittiin jechuun garmalee reebanii magaalaa Booraa waajjira poolisiitti hidhanii dararaa jiraachuun barameera.
Murni Bilxiginnaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee fi Dawwee Harawaa keessatti maatii qabsaa’otaan gabaa hin ba’inaa yoo ilmaan keessan galchitan malee, yoo hin galchitan ta’e ammoo gabaa dhufnaan sababa isaaniif ni ajjeefamtu, ni hidhamtuu fi ni lsaamamtu jechuun doorsisaa kan turanii fi yeroo ammaa waan dubbachaa turan hojiitti hiikuun maatii qabsaa’otaa magaalaa keessatti argan cufa saamaa, reebaa fi ukkaamsanii hidhaa jiraachuu jiraattotni dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif himaniiru.

