Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin maraataan tokko haala suukkaneessaan ajjeefamee gatamuun dhagaa’ame 

ONM-ABO Amajjii 11, 2025 

Muddee 28, 2024 aanaa Harxummaa Fursee keessatti ergamtootni murna Bilxiginnaa maqaa sakattaa waraana Bilisummaa Oromoo jedhuun aanichatti bobbaafaman jiraataa ganda Murrii nama yeroo dheeraaf dhibee sammuun qabamee maraachuun waa’ee jiruu fi jireenyaa tokkollee hin beekne nama maqaan isaa Mahaammad Gussoo jedhamu hidhattootni sirnichaa dirqiin afaan bansiisanii haala dubbachuufillee namatti hin tollee fi nama gaddisiisuun rasaasa afaanitti naqanii ajjeesanii gatanii deeman.

Akka jiraattotni ganda Murrii dubbisne jedhanitti, loltootni murna faashistii PP Muddee 28, 2024 ganama erga maraataa kana  qe’ee irraa fageessuun ajjeesanii gatanii biraa deemaniin booda hawaasni naannichaa Muddee 31, 2024 reeffa isaa bakkeedhaa arganii kaasuun akka awwaalan dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Dabalataanis akkuma aanaa Harxummaa Furseetti hidhattootni murna abbaa irree Bilxiginnaa kun hawaasa nagaan maqaa maatii qabsaa’otaa, deggartoota waraana Bilisummaa Oromooti, akkasumas hojji loojistikii WBO’f hojjettu jedhun dhiittaan mirgoota namoomaa daangaa darbe jiraattota onichaa irratti raawwachaa jiraachuu jiraattotni miidhaan kun irra ga’e dabaluun dubbataniiru.

Exit mobile version