ONM-ABO Amajjii 28, 2025
Jiraataa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee Qorii ganda Murrii kan ta’e nama maqaan isaa Mahaammad Husee Gurraachaa jedhamu milishaan sirnichaa namni maqaan isaa Umaruu Mahaammad Bushuraa jedhamu Amajjii 26, 2025 WBO nu waliin taatee loluu didde ittiin jedhee rasaasaan rukutuun madeessee yaala tokko osoo hin argatin magaalaa Furseetti hidhaniiru.
Milishoonni sirnichaa kunneen ammaan duras nama kana qawwee isaa jalaa fuudhanii turuu himuun, Amajjii 26, 2025 mana isaatti itti dhaqanii nu waliin WBO’tti duuluu qabda wayita ittiin jedhan, innis an lola na hin ilaallannetti hin hirmaadhu hoggaa jedhuun gocha hammeenyaa kana irratti kan raawwatan ta’uu fi nama kana erga madeessaniis osoo inni du’aa fi jireenya gidduu jiruu buufata waraanaa isaanii keessatti hidhuun, yeroo ammaa madaan isaas yaala dhabuu irraan kan ka’e garmalee dhukkubuun haala yaaddessaa keessatti kan argmu ta’uu maddeen himan.
Akka maddeen keenya onichaa jedhanitti, namni milishoota sirnichaan madaa’e kun yeroo muraasaaf bulchaa sirna Bilxiginnaa ta’ee tajaajilaa kan ture ta’uu himuun, innis an sirna kanaaf ulee ta’ee saba kiyya ajjeesuu fi dararuu irra akkuma nama tokkoottin hawaasa koo waliin jiraadhee ilmaan kiyya guddifadha jechuun hojicha kan dhiise ta’uu ibsu.
Milishoonni sirnichaa kunneen sababa inni hojicha dhiisee hawaasa isaa waliin jiraachaa jiruuf ati hidhata WBO qabda jedhanii kana dura qawwee dhuunfaa isaa irraa fudhatanii turuu fi irra deddeebiin mana isaa deemanii doorsisaa akka turanis dabaluun ifoomsaniiru.

