Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti tiksitoota Impaayerattiin abbaan maatii tokko hidhamee reebichi ulfaataan irratti taasifamuun ibsame 

ONM-ABO Gurraandhala 5, 2025 

Gurraandhala 2, 2025 aanaa Harxummaa Fursee Qorii ganda Dhakaa Kaatee keessaa nama maqaan isaa Obbo Mahaammad Hasan Siraajuu jedhamu haati warraa isaa midhaan daakkachuuf gara magaalaa Fursee yeroo deemtu hidhattootni sirnichaa qabuun abbaa warraa kee barbaanna, midhaan fiddee jirtu ammoo lafa nuuf kaa’i, abbaan warraa kee akka inni dhufu taasisi yoo didde si ajjeefna jedhanii doorsisuun, abbaa warraa isheetti bilbilchiisanii yeroo inni dhaqu ishii gadi dhiisanii isa garmalee reebuun hidhaatti darbachuu maddeen gabaasan.

Obbo Mahammadis mana  hidhaa keessaa halkan halkan baafamuun reebicha irratti raawwachaa jiraniin garmalee miidhamee iddoo ciisuu ka’uun nyaata soorachuu akka hin dandeenyee fi namatti dubbachuu kan dadhabe ta’uu namoonni nyaataa fi uffata geessaniif himuun, namni kun mana yaalaas kan hin geeffamne ta’uu fi haalli yeroo ammaa inni keessa jiru yaaddessaa ta’uu itti dabaluun dubbatan. 

Dabalataan aanichuma ganda Asooyyee fi Bakkajjaa dabalatee gandoota cufa keessatti loltootni sirnichaa hulaa jiraattotaa irra deemuun maqaa midhaan nyaata milishaa fi raayyaa ittisa Impaayerattii jedhuun, gadi aanaan nama tokko irraa jantoo 4, hanga shaamaa tokkoo fi warroota jireenya fooyya’aa jiraatan irraa ammoo kiiloogiraamii shantama shantama, akkasumas shiroo fi wantoota ittiin ittoo hojjetan dirqiin irraa fudhaa jirus jedhu.

Namni adda durummaan gochoota dabaa hawaasa naannichaa irratti dalagee dalagsiisaa jiru milishaa sirnichaa maqaan isaa Hasan Aliyyii Julusee jedhamu akka ta’e maddeen ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version