ONM-ABO Onkoloolessa 6, 2023
Gareen faashistii PP Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo magaalaa Mi’eessoo fi gandoota keessatti hidhaa namoota nagaa irratti akkasumas qabeenya namootaa barbadeessuu cimsanii itti fufanii jiru.
Waraanni bilxiginnaa erga baatii Fulbaanaatii aanicha keessatti gandoota adda addaatti sakatta’iinsa jechuun duula eegalan miidhaa fi hidhaan jabaatee jira.
Akka kanaanis Fulbaanaa 8, 2023 barsiisaa Kaalid Ibraahim magaalaa Mi’eessoo keessaa qabamuun buufata poolisii aanaa Mi’eessoo keessatti hidhamee kan jiru yoo ta’u, isa waliin aanicha keessatti namootni hiidhamanii jiran Mahaammad Ahimed Isaaq, Ahimed Mahaammad, Ashaa Mahaammad, Abdii Bushraa, Diinee Aliyyii, Kiimiyaa Abdooshee, akkasumas Ammee Alii fi Mahaammad Aliyyii erga hidhanii baatii sadii lakkoofsiseera.
Godinichuma aanaa Ciroo keessaa ammoo nama Ammee Yaasin jedhamu Onkoloolessa 3, 2023 irraa qabuun achi buutee dhabamsiisanii jiru.
Oduma hidhaan wal qabatuun Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti namoota quuqama Oromummaa qaban irratti karaa murna faashistii PP’n ilmaan Oromoo irratti hidhaan itti fufuun dheengadda Onkololessa 4, 2023 aanaa Daawaa Caffaa keessaa namoota hedduu hidhanii jiru.
Namoota hidhaman keessaa ammaaf kan maqaa arganne Huseen Kaliil, ilmaan isaa lama waliin Aliyyi Huseen, Hasan Huseen, Aminaat Aliyyii, Aliyyii Huseenee, akkasumas aanaa Harxummaa Fursee irraa nama maqaan isaa Ahimed Abraahim jedhamu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun hidhanii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

