ONM-ABO Gurraandhala 27, 2025
Impaayera Itiyoophiyaa heeraa fi seeronni hojii irra hin oolle keessatti mirgi lammiilee mulqamuun roorroo garbummaa jalatti waraanni abbaa irree sirnichaa fi kaadiroonni waliin ta’uun ilmaan Oromoo cafaqanii bulchuuf hojimaata jal’inaa sabicha irratti diriirsuun dararuu cimsanii itti fufanii jiru.
Mataan Bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahimed bara gara aangootti dhufe nama kamiyyuu qorannu malee hin hiinu jedhee dubbachaa turus, har’a garuu impaayerattii keessatti namni kamuu hidhamee qoratamaa kan hin jirre yoo ta’u, godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo araddoota addaa addaa irraa sabboontonni ilmaan Oromoo hedduun maqaa “WBO waliin quunnamtii qabduu fi loojistikii WBO’ti” jedhuun ragaa tokko malee osoo mana murtiitti hin dhihaatin Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii yeroo dheeraaf waajjira poolisii aanaa Mi’eessoo keessatti hiraarfamaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Hidhamtoota kanneen keessaa muraasni kan maqaan nu ga’e:
- Kaliifaa Mahaammad Adamee baatii 9,
- Yaasin Mahaammad Adamee baatii 8,
- Hasan Mahaammad Bulee baatii 10,
- Ammee Alii Muummee baatii 7,
- Mahaammad Aliyyii baatii 9,
- Usmaa’il Umar Boruu waggaa 2 ol akkasumas,
- Ahimad Shaamil Waaqoo kan jedhamuu
fi kanneen biroo hedduun yeroo dheeraaf hidhamanii dararamaa kan jiran ta’uun beekameera.

