Godina lixa Harargee ona Mi’eessoo keessatti waraannii bilxiginnaa nama lama ajjeesuun manneen jiraattoota shani abiddaan gubu jiraattonni dubbatan.
ONM-ABO Onko 26, 2022
Mataan nafxanyoota Abiy Ahimad golee Oromiyaa cufattii waraana isaa bobbaasun ilmaan Oromoo ajjeesuu fi manneen jiraattoota qabeenya guutuu waliin gubuun barbadeessaa jiru. Onkololessa 25, 2022 godina lixa Harargee ona Mi’eessoo araddaa Daalachaa ganda Qimmiixxaa keessatti jiraattoota waltajjii baasuun ilmaan Oromoo lama ummata duratti rasaasa itti roobsuun ajjesu jiraattonni dubbatan. Ilmaan Oromoo maatii waraana bilisummaa Oromooti jedhamun ajjeefam kun Mahammaad Aliyyii Adam fi Alii Xayib Kan jedhaman yoo ta’u namoota maqaan isaani hin beekamin sadiis irratti dhukaasun bakkii isaan geessan hin baramin jiraachuunis beekame jira.
Murni badiisaaf bobba’e kun Onkololessa 25, 2022 onuma Mi’eessoo araddaa Daalachaa ganda Qimmiixxaa keessatti manneen jireenyaa Ahimed Mohammad, Abdii Ahmad, Abdallaa Mohammad, Adam Umaree fi Abdii Mohammad Surur kanneen jedhamani qabeenya guutuu waliin abiddaan gubani balleessus jiraattonni onicha dabalun ibsaniiru.

