Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii bahaa aanaa Xiyyoo magaalaa Kaataar Gannat keessatti kaabinoonni sirnichaa maqaa xaa’oo fudhattuun waltajjii waamanii doorsisaa ooluun  dhagaa’ame 

ONM-ABO Waxabajjii 23, 2023

Uummata nagaa hojii qonnaa hojjachuun ofii fi  maatii isaanii jiraachisan irratti kaabinoonni bilxiginnaa shira dalaguun akka uummanni fi waraanni Bilisummaa Oromoo wal keessa hin sochoone gochuun guyyaa guyyaan dhiibbaa gochaa oolu.

Guyyaa kaleessaa jechuun Waxabajjii 22, 2023 godina Arsii bahaa aanaa Xiyyoo magaalaa aanichaa Kaataar Gannat keessatti maqaa Xaa’oo isiniif kennina jedhuun kaabinoonni aanichaa uummata gandoota akka Murticha Qobboo, Kaataar Qotee bulaa fi bulchinsa magaalaa Kaataar Gannat ganda 01 keessaa waamuun uummanni erga dhaqeen booda warri aanaa fi godinaa haa dhufan hanga isaan dhufanitti nuti isiniif kennuu hin dandeenyu jechuun teessisaa turan.

Kaabinoonni aanaa fi godinaa erga dhufanii ammoo uummata walitti qabamee jiruun hanga seelii Waraana Bilisummaa Oromoo as keessaa baastanitti Xaa’oo hin argattan, WBO’n diina Oromooti, WBO yoo naannoo keessanitti argitan itti iyyaa yoo kana hin goone xaa’oos hin argattan, ni ajjeefamtus jechuun hawaasa afaanfajjessuu fi itti dhaadatanii deeman jedhu jiraattootni achitti argaman.

Murni bilxiginnaa dabballoota isaa baayinaan leenjisee uummatatti bobbaasuun yeroo hedduu waan Waraana Bilisummaa Oromoo fi hawaasa walitti buusu hojjachaa jiraachuun isaanii ni beekama.

Akka jiraattootni gandoota kanneenii jedhanittis Waraanni Bilisummaa Oromoo ilmaan keenya Bilisummaa fi Walabummaa keenyaaf rooba, aduu, beela, dheebuu fi rakkoo adda addaatiin rakkachaa jiru, kanaaf nuti akkamitti ilmaan keenyatti iyyina, yoo duunes ni duuna jechuun ejjennoo qaban Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version