Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa Keessatti saamicha, manneen gubaatii fi hidhaan waraana maafi’aa PP’n hawaasa nagaa irratti raawwatamaa jira

ONM-ABO Bitootessa 25, 2024

Gareen shiftaa Abiy Ahimed sirna abbaa irree dagaagsuun impaayera Itoophiyaa keessatti uummata Oromoo akka lammii lammaffaatti qe’ee fi qabeenyaa isaa irratti dararaa fi sarbamiinsa jabaa irratti taasisuun saamicha, hidhaa fi manneen gubuu itti fufee jira.

Akka kanaanis Bitootessa 22, 2024 godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifabaas Coree keessaa namoota maqaan isaanii Abdallaa Abrihaam fi Ariifoo Ahimed jedhaman jalaa loon ja’a kan ooffatanii fi Jiyaadoo Rashiid jalaa loon tokko waatii waliin akkasumas mana obbo Jaamboo fi Naasir Yaasiin qabeenyaa keessa jiru waliin guutummaa guutuutti gubuun beekameera.

Shee Muktaar, Mohaammed Abiibakar, Yoonis Jamaal, Usmaa’el Abdurramaan, Hamzaa Moggaalaa fi Adam Muummee namoota jedhamanis WBO waliin hariiroo qabdu jechuun reebicha ulfaataa waraanni kunneen irratti akka geggeessan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Torbanootuma kana qofa keessa aanicha keessatti ajjeechaa dabalatee saamichi fi gubaatiin manneen namootaa irratti geggeefamaa jiraachuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version