ONM-ABO Caamsaa 27, 2024
Uummanni sabaan Amaaraa ta’an Oromiyaa kutaalee adda addaa keessa bara bulchiinsa Haayile-Sillaasee irraa qabee gammoojjii biyya isaanii irraa dhufuun kan qubatan ta’uun kan himamu yoo ta’u, erga Oromiyaa seenaniis uummata Oromoof guyyaa tokko nagaa yaadaniifii akka hin beeknes jiraattotni dubbatu.
Yeroo ammaa kanas tumsaa fi deggersa gareen badii sirni bilxiginnaa finxaaleeyyoota Amaaraa Faannoof taasisaa jiruun hanga meeshaalee waraanaa gurguddaatti hidhatanii Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraas buqqisaa akka jiran jiraattotni himan.
Akka jiraattonni himanitti godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa gandoota akka Lookoo fi Ifabaas Coree dabalatee bakkeewwan qubatanii jiran hundaatti tumsa maallaqaa sirna bilxiginnaan taasifamuun uummata Oromoo irratti yakkoota hammeenyaa taasisaa akka jiran himaniiru.

