Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Wallaggaa aanaa Najjoo, Mana Sibuu, Qilxuu Kaarraa fi Lataa Sibuu keessatti kaadiroonni pp Wal shakkii uumuun aangoo irraa Wal buusaa jiraachuu fi halkan dhukaasuun hawaasa shororkeessaa jiraachuu maddeen himan

ONM-ABO Fulbaana 13, 2023

Shakkii waliif qabaniin Caasaa keessoo keenyaa haaressina jechuun, Kaabinootni onoota lixa Wallaggaa hedduu keessatti aangoo irraa Wal buusuu jabeessuun, rakkoo isaan gidduutti dhalachaa jiruun halkan wal adamsanii dhukaasa walitti banaa jiraachuutu himama.

Haaluma kanaan taateen torban kana keessa aanaa Najjoo, Mana Sibuu, Qilxu Kaarraa fi Lataa Sibuu keessatti ta’aa jiru mullistuudha Kan jedhan jiraattotni, rakkoolee kaadirootni PP wal irratti uumaniin aanaa Najjoo magaalaa Najjoo keessatti namni maqaan isaa Naggasee Abbiyyoo jedhamu aangoo irraa buusnaan halkan dhukaasa banuun diinatu dhufe maqaa jedhuun uummata shororkeessaa Kan turee fi aanaa lataa Sibuutti ammoo namoota lama aangoo irra kaasuun Kan hidhanii fi aanaa Qilxu kaarraa naannoo Hoteela Qilxu kaarraatti boombiii wal irratti dhoosuu maddeen himan.

Wal shakkii jabaan dhalachaa deemuu irraan Kan ka’e anatu siif beeka malee ati naaf hin beektu jechuun, rakkoolee hedduun uumamee jiru nuuf yaaddoodha Kan jedhan jiraattotni onoota kanneenii caasaan PP bade balleessaa akka ta’e hubachuun uummanni Oromoo tokkummaa cimsuu qaba jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version