ONM-ABO Caamsaa 20, 2025
Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Buukee Annikkaatti Caamsaa 17, 2025 ergamtoonni Bilxiginnaa nama maqaan isaa Tamasgeen Nigaatuu jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni ONM’f ifoomsaniiru.
Hidhaa fi doorsisni ergamtootni impaayerattii maqaa hidhata waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun sabboontota ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiran jabaachuun, tokkoon tokkoon mana Oromootti gaddaa fi gadadoo galchuun qe’een Oromoo goolamaa jira.
Hireen ilmaan Oromoos sobaa fi daba sirnichaa jalatti namoonni nagaan hidhamuu, saamamuu, manneen irratti gubachuu fi ajjeefamuu ta’ee kan jiru yoo ta’u, torbanoota as dhiyoo keessatti aanaa Mana Sibuutti rakkoo gurguddaan uummata irratti waraana Abiy Ahimediin raawwate lakkofsa kan hin qabne ta’uun ni beekama.

