ONM-ABO Caamsaa 29, 2024
Gareen maafi’aa PP kufuuf daddaaqaa jiru uummata nagaa irratti hidhaa fi ajjeechaa hammeessuu itti fufuun, sirni dadhabaaf bututaan haamilee hin qabne kun Oromoo fi Oromiyaa irratti gochoota duguuggaa sanyii waan gaggeessaa jiruuf namoota nagaa hojii isaanii dalagatan siyaasa kam irraayyuu bilisa ta’an sobaan isaan yakkuun maqaa WBO deggertu jedhuun hidhaatti guuraa kaan immoo ajjeesaa jira.
Haaluma kanaan sirni uummata irraa abdii kutate kun namoota nagaa hidhuu fi ajjeesuu hojii idilee isaa kan godhate Bilxiginnaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Waajitii Qilxuu Luboo keessaa namoota sadii kan maqaan isaanii Roobaa Abdiisaa, Solomoon Maatiwoos fi Milkeessaa Jireenyaa kanneen jedhaman qabanii deemuun mana hidhaa magaalaa Mandiitti hidhanii dararaa jiraachuun himame.
Dabalataanis murni PP ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiru itti fufuun Caamsaa 27, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Angaree jedhamutti namoonni nagaa lama hidhattoota PP’tiin ajjeefamaniiru. Isaan keessaa kan maqaa arganne nama Useen Angaree jedhamu magaalaa kessatti ajjeesanii akka gatan maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Akkuma beekamu murni bilxiginnaa abdii kutannaa irraan kan ka’e uummata Oromoo balleessuu irratti xiyyeeffatee waan jiruuf uummanni Oromoo bakka jiruu wal tumsuu fi wal bira dhaabbachuu akka qabu illee maddeen kunneen dabaluun addeessaniiru.

