Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisootti waraanni faashistii PP uummata nagaa hidhuu cimsee itti fufe

ONM-ABO Hagayya 19, 2024

Dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu fi uummata nagaa hidhuudhaan umurii aangoo isaa waan dheereffatu kan itti fakkaatu murni nama nyaataan PP guutummaa Oromiyaa keessatti uummata nagaa hiraarsuu itti fufuun ni beekama.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda Calliyaa jedhamutti Hagayya 14, 2024 waraanni faashistii PP namoota nagaa siyaasa kam keessa hin jirre sobaan yakkuun namoota maqaan isaanii Ifaa Shifarraa fi Daggafuu Asaffaa jedhaman badii tokko malee mana hidhaatti darbatanii dararaa hamaa irraan gahaa jiraachuu jiraattonni gandichaa eeraniiru.

Akka jiraattonni kun himanitti namoonni kunneen namoota siyaasa kam keessaayyuu qooda hin qabnee fi hawaasa naannoo biratti jaallatamummaa guddaa qaban ta’uu ibsuun, badii tokko malee hojii idilee isaanii irraa ukkaamsuun hidhaatti akka darbatan dabaluun himan.

Yeroo ammaa kanas aanicha keessatti waraanni sirnichaa uummata ba’aa fi gala dhorkaa jiraachuun yaaddoo jireenyaa hamaa keessa isaan galchee jiraachuu itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Exit mobile version