Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu keessatti warraanni maafiyaan PP uummata nagaa hidhuu fi qabeenyaa jalaa mancaasuun dhaga’ame

ONM-ABO Ebla 9, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa guutuu Oromiyaa keessatti bobbaafamanii jiran gochoota badii isaanii uummata irratti jabeessuun Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Haroo keessatti Ebla 7, 2025 mana Obbo Jiraa Fiqaaduu cabsuudhaan qabeenyaa mana guutuu caccabsuun yoo jalaa mancaasan, namoota lama kanneen maqaan isaanii: 

  1. Eebbaa Tottoobaa fi 
  2. Amanuu Xurunaa 

jedhaman ammoo badii tokko malee qabanii gara aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandiitti geessuun hidhanii jiraachuun barameera.

Murni Bilxiginnaa uummata Oromoo dararuu hojii idilee isaa godhatee jiru keessattuu bifa addaan onichatti dararaa fi gidiraa taasisaa jiru jabeessuun cinatti hidhaanis dargaggoota irratti hammaachuun ibsameera.

Uummata nagaa meesha maleessa ajjeesuu, hidhaan dararuu fi achi buutee dhabamsiisuu, qe’ee Oromoo gooluun nagaa hawaasaa booressaa kan jiran hidhattootni naamusa waraanummaa hin qabne qawwee hidhachiisuun uummata keessa bobbaasee, yakkoota dhiittaa mirga namoomaa irratti raawwachaa waggoottan 7 lakkofsisee jira.

Exit mobile version