Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Limmuutti ergamtoonni Bilxiginnaa manneen jiraattotaa yoo guban, Aanaa Waayyuu Tuqaatti immoo jiraattota hidhaatti darbatan

ONM-ABO Bitootessa 15, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Limmuu gandoota adda addaa irraa ergamtoonni sirnichaa akkuma amala isaanii yeroo adda addaatti hawaasa nagaa meesha maleessa sobaan yakkuun saamichaa hanga ajjeechaatti hiraarsaa jiran, aanaa Limmuu ganda Dagam jedhamu irraa Bitootessa 12, 2025 nama maqaan isaa Dassaalee Raggaasaa jedhamu jalaa manaa fi meeshaalee mana keessa jiran hunda gubanii barbadeessuu maddeen ONM’f eeranii jiru.

Badii tokko malee, “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hojjeta; isatu waraana keenya ficcisiisaa jira” jechuun yakkanii mana isaa kan jalaa guban oggaa ta’u, aanaa sana guutummaatti miidhaa ulfaataan loltoota Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuun himamee jira. 

Oduu biraatiin, godinuma kana aanaa Waayyuu Tuqaa ganda Warra Baabboo Meenyaa jedhamu irraa Bitootessa 12, 2025 loltoonni Bilxiginnaa namoota maqaan isaanii; Lammeessaa Qanaasaa fi Aagaa Ittafaa jedhaman badii tokko malee ukkaamsuun hidhaatti darbatanii kan jiran ta’uu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa himanitti, namoonni kunneen hirmaannaa siyaasaa dhaaba tokkoollee kan hin qabne hojii idilee isaanii qofa irratti bobba’anii kan jiraatan yoo ta’u, ergamtoonni Bilxiginnaa immoo sobaan yakkuun hidhaatti kan darbatan ta’uu ibsaniiru.

Exit mobile version