Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtoonni Bilxiginnaa Godina Baha Wallaggaa Aanaa Diggaatti bosona ibiddaan yoo guban, Aanaa Jimmaa Arjootti ammoo gibira isiniin jenne kaffaluu diddan jechuun manneen daldalaa jiraattotaa saamsaa (cufaa) jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 10, 2025 

Aanaa Diggaa ganda Bareedaa Sooromaa keessatti kan argamu bosona Bachoo jedhamu iddoowwan addaa; Tulluu Abuuruu fi Dhagaa Kaabaa yookaan Laga Tolaa jedhamanitti kan argamu maqaa “Waraana Bilisummaa Oromootu keessa jiraata” jedhuun Bitootessa 5, 2025 ergamtoonni sirnichaa ibidda itti shiduun qabeenya jiraattota naannichaa keessa jiru hunda waliin barbadeessaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka jiraattonni gandichaa dubbisne himanitti, bosonni kun deggersa hawaasa naannoo fi dhaabbilee alaatiin (NGO’n) waggoota dheeraaf kunuunfamaa turuu himuun, waan qabanii gadi lakkisan kan wallaalan ergamtoonni Bilxiginnaa ammoo “dawoo WBO’ti” jechuun Bitootessa 5 irraa eegaluun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti qabeenya hawaasaa biqiltuu bunaa hektaara 10 olii fi gaagura aadaa baay’inaan 42 ta’u damma kanniisaa waliin jalaa mancaasanii kan jiran ta’uun beekameera.

Godinuma kana aanaa Jimmaa Arjoo ganda Qumbaa jedhamu keessatti ammoo manneen daldalaa fi hojii idilee kanneen akka; dukkaanaa, baabura midhaan nyaataa daakuu fi kkf sababa gibira isiniin jenne kaffaluu diddan jedhuun jiraattota jalaa cufuun hojii idilee isaanii irraa dhorkanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen himan.

Akkaataa kanaanis, Bitootessa 5, 2025 namoota manneen daldalaa irratti cufame keessaa kanneen maqaan nu ga’e:

  1. Obbo Faqqadaa Garbee,
  2. Obbo Magarsaa Ejersoo,
  3. Obbo Taarikuu,
  4. Obbo Bulaa Dabalaa,
  5. Dassaaleny Dhangi’aa,
  6. Maammoo Mangashaa,
  7. Waajjira Dabalaa,
  8. Mitikkuu Boruu,
  9. Hambisaa Taaffasaa fi kanneen biroo hafanis hedduu ta’uun ibsameera.
Exit mobile version