Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti maqaa gibiraan saamichaa fi hidhaan jabaachuun ifoome 

ONM-ABO Muddee 30, 2025 

Godina Bahaa Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Bujjuuraatti kaffaltii gibiraa jechuun torban kana kaabinoonni fi hidhattoonni murna impaayera Itoophiyaa maallaqa saamaa jiraachuu hawaasi naannichaa balaaleffannaa guddaan himan.

Bifuma kanaan namoota maqaan isaanii armaan gaditti argaman:

  1. Obbo Gaarumaa Qana’aa jalaa qarshii 42,000,
  2. Obbo Mitikkuu Qana’aa jalaa 32,000,
  3. Obbo Gabbisaa Daggasee qarshii 32,000,
  4. Aadde Dinqee Dhaabaa qarshii 30,000 humnaan yoo irraa fudhatan
  5. Aadde Tolashii Kabaa dubartii jedhamtu qarshii 30,000 gaafatanii hin qabu jennaan qabanii hidhaatti darbachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Kana malees loltoonni murna Bilxiginnaa maatii qabsaa’otaa danuu qabanii hidhuun qarshii gaafachuu, mooraa waraanaatti erguu, hidhaa irraa baasuun ajjeesuu, qabeenya isaanii horii gaafa dabalatee jalaa ooffachuu, qe’ee irraa godaansiisuu fi miidhaa addaa addaa irraan gahaa akka jiran addeeffameera.

Exit mobile version