ONM-ABO Bitootessa 10, 2025
Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda Baabboo Kuwee jedhamu irraa Bitootessa 6, 2025 loltoonni maafiyaan impaayerattii maqaa ”ilma keessantu bosona jira” jedhuun yakkanii Obbo Takkalaa Guddinaa mucaa isaanii Makuraa Taakkalaa waliin qabanii hidhaatti darbachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Jaleewwan kunneen maatii hidhaman kana hanga ilma isaanii bosona jiru galchanitti akka gadi hin dhiisnee fi yoo ilmi isaanii hin dhufne ammoo tarkaanfii biroo akka fudhatan irra deddeebiin doorsisa irratti raawwachaa kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera.
Oduu biraatiin immoo, jaleewwan Bilxiginnaa kunneen godina Lixa Harargee aanaa Gammachiisitti jiraataa ganda Geegiyyaa kan ta’e qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Ammee Qamaruu jedhamu ajjeesuuf barbaadaa jiraachuun ifoome.
Obbo Aammeen kana dura loltoota sirnichaan dirqamaan qabamuun fedhii isaa malee, leenjii milishummaa kan fudhate yoo ta’u, amma immoo “saba kiyya hiraarsuu irra, hojiin kun natti hafuu wayya” jechuun sababa hojii milishummaa dideef akka barbaadamaa jirus ibsameera.

