• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Eebantuutti waraanni Bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu, hidhuu fi reebicha irratti raawwachuun himame

Mar 20, 2025

ONM-ABO Bitootessa 19, 2025 

Baha Wallaggaa aanaa Eebantuu ganda Dongoroo Muxaa jedhamu keeessaa Bitootessa 11, 2025 jiraattota maqaan isaanii:

  1. Gammachuu Tufaa Gammadaa jalaa horii 11,
  2. Naggasuu Gammachuu Tufaa jalaa saawwan 5,
  3. Lammeessaa Nagarii Kumaa jalaa qarshii 10,000′ fi
  4. Magarsaa Nagarii Kumaa jalaa qarshii 20,000 

fudhatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru. 

Kana malees namoota qabeenyaan isaanii saamame dabalatee kanneen biroo maqaan isaanii:

  1. Gammachuu Tufaa Gammadaa, 
  2. Mul’ataa Raggaasaa Kitil,
  3. Abrahaam Itichaa Dinagdee fi
  4. Darajjee Nagarii Mul’ataa 

kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaaniif yakkanii qabuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii garmalee dararaa jiraachuun ifoomee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading