ONM-ABO Ebla 9, 2025
Aanaa Lataa Sibuu ganda Waliigaltee jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa dargaggoo umuriin isaa 17 ta’e maqaan isaa Addaam Baahiruu Ittafaa kan jedhamu Ebla 7, 2025 hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himan
Kana malees aanaadhuma kana, ganda Animaayii Somboo jedhamu irraa dargaggoon maqaan isaa Maammush Tasfaayee jedhamu guyyaadhuma kana ergamtoota sirnichaan yakkamee qabamuun hidhamee dararamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun ibsanii jiru.
Gareen saamichaa fi uummata nagaa gidirsuuf ijaarame murni Bilxiginnaa raafama keessa galuu hordofuun maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun waan hawaasni Oromoo keessaa hin qabneen gola sammuu dabaan yaadanii dararaa geggeessaa jiranis haalaan cimsanii itti fufanii jiru.

