Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Lataa Sibuu keessatti hidhaa fi dararaan uummata irratti jabaachuun dhaga’ame

ONM-ABO Ebla 11, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Amuumaa keessatti Ebla 9, 2025 saamtonni fi goolessitoonni waraana PP uummata nagaa irratti dararaa jabeessuun maqaa qabsaa’otaati jedhu sababeeffachuun ganda Amuumaa Giyoorgis keessaa namoota maqaan isaanii:

  1. Sannaayee Gammachuu,
  2. Dassaayee Dhibbisaa, 
  3. Iddoosaa Haayilee, 
  4. Galaanaa Uummataa,
  5. Dastaa Galaanaa,
  6. Koortuu Jaal’ataa,
  7. Kumee Masgabuu,
  8. Daraartuu Jiraa,
  9. Gaaddisee Dabaloo,
  10. Seenaa Hambisaa, 
  11. Eebbisaa Olaanaa,
  12. Lalistuu Badhaasaa,
  13. Jiraa Guddinaa,
  14. Tsaggaayee Dheeressaa, 
  15. Zalaalem Immiruu fi
  16. Bilisee Malkaa kanneen jedhaman ukkaamsuun hidhanii hiraarsaa jiraachuun ibsameera.

Kana malees ganda Giddaa Geeboo irraa immoo:

  1. Obbo Guddaa Gaaromaa,
  2. Aadde Zannabeech Guddaa,
  3. Aadde Tsahaay Gaarii,
  4. Obbo Gizahuu Gaaromaa,
  5.  Obbo Tolasaa Hundeessaa,
  6. Obbo Sibiiluu Gaaromaa fi 
  7. Aadde Nuurituu Biyyanaa kanneen jedhamaniidha.

Dabalataanis ganda Amuumaa Alaltuu irraas kanneen ukkaamfaman:

  1. Taaddalaa Tashoomaa,
  2. Zalaalem Irraan-dhufaa,
  3. Tamiimaa Dabaloo,   
  4. Tazarraa Baqqalaa,
  5. Faqqadaa Abdiisaa,
  6. Shummee Eebbaa fi
  7. Bashaatuu Caalii 

kanneen jedhaman yoo ta’an, gandoota kana 3’n keessaa qabuudhaan gara mana hidhaa aanichaatti guuranii dararaa jiraachuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version