Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godinalee Oromiyaa bakkeewwan hedduutti ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa ijaarsa waajjira gandaa jedhuun hawaasa dararuu fi saamuu hammeessan

ONM-ABO Bitootessa 2, 2025 

Pirezidaantiin Oromiyaa Shimallis Abdiisaa baatii Fulbaanaa 2024 caasaa haaraa gurmaa’insa aanotaa fi gandoota baadiyyaa kanneen waraana Bilisummaa Oromoon diigaman deebisanii ijaaruu maqaa jedhuun ifatti erga labsee kaasee rakkoon hawaasa irratti uumamaa jiru haalaan ulfaataa ta’uu jiraattonni ONM’f yaada isaanii qoodaniiru. 

Rakkoo kenniinsa tajaajila hawaasaa bu’uuraan furuu maqaa jedhuun kan hundeeffame caasaa haarawaan kunis guyyaa hojii irra oolfame irraa kaasee murni Bilxiginnaa maallaqa ijaarsa gandichaaf barbaachisu tokkoyyuu osoo hin ramadin uummanni ofii isaatiin dirqamee ijaaruu qaba maqaa jedhuun lukkeeleen Bilxiginnaa saamicha jabeessanii jiraachuun cimee itti fufuun godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu gandoota aanichaa cufatti dararaan ulfaachuu jiraattonni himan.

Hawaasa ona Daarimuu hojii dhuunfaa isaa irraa kutuun dirqamaan waajjira gandaa ijaarsisaa kan jiran yoo ta’u, namoota dhukkubsatanii yookaan akka tasaa rakkoon garaa garaa isaan mudatee ijaarsa kana irraa hafan milishaa itti bobbaasuun milishaa qabee dhiheesseef qarshii 500 kaffalchiisaa jiraachuun beekameera.

Oduuma walfakkaatuun godina Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Bahaarii Aabboo iddoo addaa Ayetuu jedhamuttis Gurraandhala 26, 2025 ergamtoonni sirnichaa dirqamaan mana gandaa ijaaraa jechuun hawaasa hojii idilee isaa irraa dhorkuun ganamaa hanga galgalaatti ijaarsisaa turuun ibsameera.

Exit mobile version