ONM-ABO Fulbaana 21, 2025
Jaleewwan Bilxiginnaa gama isaaniif danda’ame maraan jibbaa fi diinummaa ilmaan Oromoo irraa qaban ifatti mul’isuun, ajaja Koloneel Abiy Ahimed guutuuf jecha dararaa raawwatan jabeessuun, aanaa Amuruu ganda Siiddan Barkallee bakka addaa Barkallee jedhamu irraa loltoonni PP Fulbaana 14, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Faqqadee Hundee,
- Dastaa Fayisaa fi
- Caalaa Guddataa
jedhaman hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Qonnaan bultoonni kunneen hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkamanii kan hidhaman ta’uun baramee jira.
Aanicha guutummaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa gama isaaniin gochoota gara jabinaa ulfaataa hawaasa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, gama kaaniin ammoo finxaaleeyyii Amaaraa bobaa jala kaawwachuun uummata Oromoo lafa irraa fixaa akka jiran gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.

