• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti loltoonni Bilxiginnaa qonnaan bultoota hidhaatti darbachuu hammeessan

Sep 21, 2025

ONM-ABO Fulbaana 21, 2025 

Jaleewwan Bilxiginnaa gama isaaniif danda’ame maraan jibbaa fi diinummaa ilmaan Oromoo irraa qaban ifatti mul’isuun, ajaja Koloneel Abiy Ahimed guutuuf jecha dararaa raawwatan jabeessuun, aanaa Amuruu ganda Siiddan Barkallee bakka addaa Barkallee jedhamu irraa loltoonni PP Fulbaana 14, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Faqqadee Hundee,
  2. Dastaa Fayisaa fi
  3. Caalaa Guddataa 

jedhaman hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Qonnaan bultoonni kunneen hirmaannaa dhaaba siyaasaa kam keessaa kan hin qabnee fi maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun yakkamanii kan hidhaman ta’uun baramee jira.

Aanicha guutummaa keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa gama isaaniin gochoota gara jabinaa ulfaataa hawaasa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, gama kaaniin ammoo finxaaleeyyii Amaaraa bobaa jala kaawwachuun uummata Oromoo lafa irraa fixaa akka jiran gabaasni Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni ifoomsa.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading