Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti qonnaan bultoonni 2 sababa bulchaa Aanaa gaaffii gaafataniif qofa hidhaatti darbataman

ONM-ABO Bitootessa 4, 2025 

Aanaa Amuruu ganda Siiddan Barkallee bakka addaa Koomboo jedhamu irraa jaleewwan sirnicha utubuuf ifaajan Gurraandhala 28, 2025 namoota maqaan isaanii Obbo Abdiisaa Dassee fi Obbo Gulee Itichaa jedhaman sababa tokko malee sobaan yakkuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Namoonni kun lamaan ganda irraa ka’uun gara waajjira bulchiinsa aanaa Amuruu deemanii “hidhattoonni Amaaraa garmalee nu dararaa jiru. Mootummaan maaliif nu ilaale? Qawween nu doorsisanii saamicha, reebicha, ajjeechaa, bakka buutee dhabamsiisuu fi qe’ee irraa nu buqqisuun nu rakkisaa jiru. Nuuf birmadhaa!” jechuun hoggaa isaan bulchaa aanichaatti himan, bulchaan aanichaa battaluma sanatti loltoota sirnichaa itti waamuun hidhaatti darbachuun isaa baramee jira. 

“Waraana Bilisummaa Oromootu ijaaree asitti sin erge” jedhamuun sobaan yakkamanii waajjira poolisii aanichaa keessatti doorsifamaa fi reebamaa kan jiran yoo ta’u, akkuma aanichaatti Kaabinoonni Bilxiginnaa hundi isaanii finxaaleeyyii Amaaraa waliin hariiroo guddaa kan qabanii fi yeroo adda addaatti tumsa gochaafii kan jiran ta’uun ifoomeera. 

Exit mobile version