Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtoonni murna Bilxiginnaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu fi godina Baha Wallaggaa Aanaa Limmuutti qonnaan bultoota irratti saamicha raawwachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 23, 2025 

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu ganda Walagee bakka addaa Dhummuugaa jedhamu irraa loltoonni Billxiginnaa Adoolessa 17, 2025 qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Alamuu Kumii jedhamu jalaa horii 6 ooffatanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Qonnaan bulaan kun, badii tokko qabaateef osoo hin taane, sababa Oromummaa isaa qofaaf, “loojistikii Waraana Bilisummaa Oromooti” jedhamee loltoota impaayerattiin yakkamuun kan saamame ta’uun baramee jira.

Oduu biraatiin, godina Baha Wallaggaa aanaa Limmuu ganda Meexxii Mi’oo jedhamu irraa loltoonni impaayerattii kunneen Adoolessa 20, 2025 maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun nama siyaasa kam keessaa hin qabnee fi hojii idilee qonnaa isaa qofa irratti bobba’ee kan jiraatu qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Tasfaayee Baqqalaa Garbaa jedhamu jalaa horii 9 ooffatanii deemuu fi hiraarsaan maqaa adda addaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni gandichaa gabaasanii jiru.

Exit mobile version