ONM-ABO Sadaasa 13, 2023
Akka jiraattotni dubbatanitti godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Asaasaa ganda Coofira Kaakkaa keessatti Kamisa darbe Sadaasa 9, 2023 manneen uummataa sadii yoo guban, guyyaa itti aanu Sadaasa 10 manneen 2 gubanii jiru.
Ganda Coofiraa Kaakkaa keessatti waraanni bulchaa aanichaa obbo Taarikuu Lammaa waliin ta’uun bobbaafaman manneen guban malee reebicha irran ga’aa turaniiru.
Jimaata darbe kana kanneen manneen jalaa guban dabalatee namoota 35 dirreetti baasuun gara Waraanni Bilisummaa Oromoo jiru nu geessaa erga jedhaniin booda yeroo isaan nuti hin beeknu jedhan lafa irra jilbaan deemsisuun reebaa Kan turanii fi kan mataa buruqsanis ni jira.
Sababa nuti hawaasa lafa WBOn jiru hin beeknu waan ta’eef isin geessuu hin dandeenyu jedhan qofaaf namootni 35 qarshii 35,000 akka kaffalan taasifamuun waraanni bilxiginnaa haala mijeessummaa bulchaa aanichaan irraa fudhatanii deeman.
Oduu biraatiin ammoo aanichuma magaalaa Asaasaa keessatti kantiibaan magaalattii mana mootummaa kan hawaasaaf kennamee ture keessaa baasuun nafxanyoota maqaa qabiyyeen socho’aniif kennaa jiraachuu hawaasni komee qaban dubbatan.
Akka jiraataan magaalaa Asaasaa tokko ONMtti himetti aanaa Gadab Asaasaa ganda 01 keessatti mana bara Dargii ilmaan nafxanyaa irraa fuudhame, warri qabiyyee deebisiisaa jiran mana ganda 01 keessatti Oromoota harka qalleeyyii maqaa waldaa Biiftuu Barii jedhamu jalatti gurmaa’uun manni kun kennameefii ture keessaa baasuun nafxanyootaaf kennanii jiru.
Kaabinootni gocha kana raawwachaa jiran obbo Daawud bulchiinsa magaalaa Asaasaa, bulchaa aanaa Gadab Asaasaa obbo Taarikuu Lammaa fi aadde Raahimaa Kadiroo yoo ta’aan, namni Yaaqub Mohaammad jedhamu ammoo ilmaan finxaaleyyiif kaabinoota bilxiginnaa waliin haala akka mijeessuu dabaluun ibseera.

