Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kibba lixa Shaggar aanaa Walisoo keessatti namoonni afur haala suukanneessaan hidhattoota garee PPn ajjeefamuun, nama tokkos hidhan

ONM-ABO Mudde 13, 2023

Ajjeechaan uummata Oromoo irratti golee Oromiyaa hunda keessatti yeroo ammaa hidhattoota murna PPn adeemaa jiru kan ija Addunyaa jalaa dhokatee fi uummata nagaa jumlaan fixuun murna PP biratti akka waan lola biyyattii keessatti adeemaa jiruuf furmaata ta’uutti fudhachuun uummata nagaa irratti duula ajjeechaa raawwachaa jiru.

Hidhattootni murna bilxiginnaa ajjeechaa namoota nagaa irratti aadaa godhatanii bobba’aan kunneen akkuma bartee isaanii gaafa Mudde 9, 2023 kibba lixa Shaggar aanaa Walisoo ganda Adaamii Guutoo keessatti namoota afur bakka tokkotti ajjeesuun magaalaa Gooroo keessatti ammoo dargaggoo tokko mana hidhaa baasuun deebisanii guyyaa lama boodas qabanii manuma hidhichaatti deebisuu maddeenii fi jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Dargaggoo Abbuu Namarraa namoota ganda Adaamii Guutoo keessatti ajjeefaman keessaa tokko yeroo ta’u, rukutamee harkaa ba’ee mana yaalaa dhaqabus achittis hordofuun mana yaalaa waliin dhaqanii akka hin yaalamne gochuun akka ajjeesanis dabaluun himu.

Dargaggoon kunis yaala dhabuu irraan ka’e kan lubbuun darbe yoo ta’u, erga du’ee boodas akka hin awwaalamne namoota dhorkuun namoota didanii dhaqan irratti reebichi hamaan hanga dubartii ulfa garaa baasuu namoota irratti raawwatameeras jedhan.

Reeffi Dargaggoo kanaas sa’a 24f bakkee keessa turuun gaafa dilbataa Muddee 10, 2023 namoota fedhii isaaniitiin baasuun akka awwaalanis himu.

Akkasuma gaafa Muddee 9, 2023 aanuma Walisoo bakki dhaloota isaa magaalaa Gooroo kan ta’e dargaggoo maqaan isaa Biraanuu Yaadanii jedhamu baatii dheeraaf mana hidhaa keessatti erga qabanii dararaa turaniin booda wabii waamsiisuun erga hidhaa irraa gad dhiisisaniin booda gaafa guyyaa lamaffaa itti deebi’uun qabanii manuma hidhichaa magaalaa Walisootti deebisanii hidhan jedhu.

Akka godina kibba lixa Shaggariitti namuu mana hidhaa keessaa baafamee gara aanaa tokko irra gara aanaa biraatti geessanii hidhuun hammaatee waan jiruuf hireen dargaggoo kanaas akkas ta’aa laata jedhanii jirattootni akka yaadda’aa jirantuu himama.

Exit mobile version