Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessoo keessatti dargaggoota lama deggartoota WBO’ti jechuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattotni ONM’tti himan

ONM-ABO Ebla 27, 2024

Maqaa deggartoota WBO’ti jedhuun namoota ba’aaf gala dhorkaa kan jiran waraanni fi kaabinnoonni murna bilxiginnaa doorsisaa hanga ajjeechaa jumlaatti Oromiyaa bakkeewwan hedduutti hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiru.

Aanaa Mi’eessoo magaalaa Mi’eessoo keessatti gaafa Ebla 14, 2024 dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii Idiris Yusuuf fi Ahimed jedhaman deggartoota WBO’ti jechuun qabanii fuudhanii deemuun magaalaa Cirootti hidhanii dararaa akka jiran dubbatan.

Dargaggoonni kunneen siyaasa keessaa qooda kan hin qabnee fi ijuma shakkiin ilaalanii akka qabanii hidhan jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

Magaalicha keessatti shamarree maqaan ishee Hamdiyaa jedhamtu dabalatee kaabinoonni aanichaa maallaqaan bitee hawaasa keessa bobbaasee ittiin basaasisee hidhaa akka jiru himuun, namoonnis shamarree kanaa fi fakkaattota ishee irraa of eeggannoo akka godhanis dhaamaniiru.

Exit mobile version