Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessaa milishoota sirnichaan dargaggoonni lama garmalee reebamuun hidhaman

ONM-ABO Amajjii 6, 2025 

Milishoonni sirnichaa dandeettii loltummaa fi  sammuu namni ittiin yaadu hin qabne Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti  maqaa nageenya hawaasaa kabachiisuu jedhuun qe’ee uummata Oromootti bobbaafaman waan hawaasni keessa hin beekneen yakkanii dararuu cimsanii itti fufaniiru. 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa keessatti Amajjii 4, 2025 ganama toora sa’atii 1:00’tti ganda Molloo jedhamutti marsuun dargaggoota lama kan maqaan isaanii Abdallaa Heeydar fi Abdurahamaan Aliyyii jedhaman dhukaasa irratti bananii qabuun garmalee reebanii magaalaa Sanbateetti geessuun waraana Bilisummaa Oromoo qabnne jedhanii dargaggoota kanneen reebicha hamaa irraan ga’uun miidhama isaaniitti qoosaa turan.

Dargaggoonni milishoota sirnichaan manneen isaanii keessaa qabaman kunneen hojii qonnaa hojjetanii maatii isaanii gargaaruu malee siyaasa kam keessaayyuu qooda kan hin qabne ta’uu maddeen himuun, hidhattootni murna Bilxiginnaa kun garuu dargaggoota kanneen dur maqaa deggartoota WBO’ti jedhuun reebaa kan turanii fi yeroo ammaa ammoo qabanii WBO  boojine ittiin jechuun hololaa akka jiran jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version