Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo keessatti waraanni faashistii PP daa’ima tokko ajjeese

Godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo keessatti waraanni faashistii PP daa’ima tokko ajjeese.

ONM – ABO – Sadaasa 22, 2022

Murni bilxiginnaa waraana isaa uummata nagaatti bobbaasuun lubbuu obbaasuu itti fufee jira.

Waraanni faashisticha Abiy Ahimed baha Oromiyaatti bobba’an lixa Harargee aanàa Mi’eesso magaalaa Mi’eessoo keessatti kaleessa ganama muddee 21/2022 toora sa’a 1:00 irratti qeerroo maqaan isaa Fu’aad Maahammad Raamadan jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesan.

Murni goolessaan PP kun daa’ima ganna 13 kan gocha kam keessayyuu harka hin qabnee fi daa’ima maatiif ergamee hin quufne kan qabanii gaafachuun danda’amu rasaasaan rukuchuun ol adeemaa kana kichuutti kutaniiru.

Gocha farrummaa murna bilxiginnaa kanatti kan aaran uummatni magaalaa Mi’eessoo hoggantoota magaalichaa gaafatanis ergamtootni murnichaa namoota gaaffii mirgaa dhiyeessan ergamtoota Waraana Bilisummaa Oromooti isin jechuun doorsisuu isaanii maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Mi’eessoo gabaasaniiru.

Exit mobile version