Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee Lixa ona Ciroo keessatti saamichi hammaate itti fufe

Godina Harargee Lixa ona Ciroo keessatti saamichi hammaate itti fufe.

ONM-ABO Hagayya 27, 2022 Murni bilxiginnaa godina Lixa Harargee ona Ciroo ganda Ijafaaraa Teyifee, Luugoo Bacceessa, Laaluu Guddoofii Machawaa, Sheek Adam, Madhiichoo lakkoofsa 3 fi Madhiichoo lakk 9 keessatti waraanni fi dabballoonni murna bilixigina samicha hamaa uummata irratti geggeessaa jiru.

Gandoota kana keessatti guyyaa guyyaan qarshii sababoota garaagaraan kan funaanamaa jiru yeroo ta’u, uummanni baasii baasuun cinaatti rerbichii fi doorsisni irra ga’u jabaa ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Torbee darbes ona Ciroo Araddaa Nugus keessatti waraanni fi dabballoonni murna bilxiginnaa bobba’uun uummata irraa qabeenya saamaa kan turan yoo ta’u akka waliigalaatti uummanni baasii dadhabuun hojjettoota sirnichaa waliin wal falmaa jira.

Ergamtootni sirna Minilik kun maallaqa lafa gabaa, dukkaanaa fi bakka namootni oomisha qonnaa isaanii itti gurguranitti argamuun qonnaa bultoota irraa Lukkuudhaa jalqabee hanga qotiyyootti gibira harkaa funaanaa jiraachuu maddeen dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version