Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Sayyoo Noolee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota hidhaatti darbachuu fi saamuu hammeessan

ONM-ABO Ebla 5, 2025 

Aanaa Sayyoo Noolee ganda Duwwisoo keessatti jalqaba torban kanaa irraa eegaluun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti tiksitoonni impaayerrattii maqaa “misooma gandaa irratti hirmaachuu diddan” jedhuun namoota hedduu gaaffii seeraa tokko malee hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, namoota kanneen ukkaamsuun erga mana hidhaatti galchanii boodas gosa kaffaltii maqaan isaa hin beekamnee fi nagahee hin qabne nama tokko irraa gadi aanaan qarshii 1,500 fi giddu galeessaan ammoo 2,000-3,000’tti dirqamaan guuraa jiraachuun ibsameera.

Kanumaan wal qabatee yeroo ammaa kana jiraattonni gandichaa harka qalleeyyii ta’anii fi humna hin qabne hedduun isaanii qarshii kaffalanii mana hidhaa keessaa ittiin bahan dhabanii akka malee dararamaa jiraachuu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version